Login Form

Address

E-mail: admin@oocaa.gov.et

Website: www.ococ.gov.et

Phone: +251-221-123-438

Phone: +251-122-124-050

Phone: +251-222-118-334

Who's Online

We have 13 guests and no members online

Hundeeffama Wiirtuu Gahumsa Ogummaa Oromiyaa: Biyyi keenya  Tarsiimoo  Barnootaa fi Leenjii Tekinikaa fi Ogummaa haaraa Sirna BLTO bu’aa irratti xiyyeefate waxabajjii 1999  paarlaamaan labsuun ni beekama. Mootummaan  Naannoon Oromiyaatis Sirna BLTO bu’aa irratti xiyyeefate kana guutummaan guututti hojiirra oolchuuf bara 2000tti caasaa Ejensii Barnootaa fi Leenjii Tekinikaa fi Ogummaa Oromiyaa hundeessee jira.Bu’uuruma kanaan Wiirtuun Gahumsa Ogummaa Oromiyaa bara 2000tti  aangoo labsii Ejensii BLTO Oromiyaatiif kenneme irratti hundaa’uun  gurmaa’ee ture.Wiirtuun Gahumsa Ogummaa Oromiyaa caasaa isaa guuttachuun bara 2001tti sirna madaallii ogummaa biyya keenyaaf haaraa ta’e sadarkaa ogummaa irratti hundaa’uun  ogeessoota biyya alaatiin deggaramee hojiirra oolchuu jalqabee ture 

Ce’umsa Wiirtuu Gahumsa Ogummaa Oromiyaa gara Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaatti:Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa kanaan dura Wiirtuu Madaallii Gahumsa Ogummaa Oromiyaa jedhamuun beekamu hanga xumura bara 2007tti Komishinii BLTO Oromiyaa jalatti gurmaa’ee hojjetaa tureera. Haa ta’u malee kaabineen Mootummaaa Naannoo Oromiyaa manni  hojii kun of danda’ee gurmaa’uu  akka qabu waan itti amaneef, walgahii Waxabajjii 12, 2007 taa’een Dambii Lakkoofsa 173/2007tiin Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa hundeesseera. Itti waamamni Ejensichaatis Waajjira Pirezedantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatif ta’ee, hojimaata bulchiinsa Ejensichaa dhiheenyatti yeroo yeroon  hordofuu fi deggeruun barbaachisaa  waan ta’eef boordiin abbummaan Ejensii kana hogganu dambichaan hundaa’ee jira. Hoggansi Ejensichaas gurmaa’insa haaraa kana waliin kan walsimu caasaa humna namaa fi baajata barbaachisu mirkaneesifachuun hojii isaa bifa haaraan jalqabee jira. Teessoon Waajjirra muummee Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa magaalaa Adaamaa yoo ta’u,  bara 2008 kanatti Ejensichi aangoo dambiin kennameef irratti hundaa’uun caasaa isaa sadarkaa Oromiyaatti qofa rarra’ee ture gara hawaasaatti gadi buusuuf dameewwan jaha godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti gurmeessuun humna namaa guutuu irratti argama.Haaluma kanaan, dameewwan Ejensichaa jahan caasaan isaanii gurma’aa jiran:

Testimonial

Note: Oromia Occupational Competance Assurance Agency and all of its branches are Currently issuing Original National qualification Certificate to candidates who gain Competent rating in over all result